|
(Madda Oduu ABO/MOA/, Ebla 20, 2008)Mana barnoota dhaabbilee olaanoo adda addaa keessatti wayyaaneen hacuuccaa barattoota Oromoo irraan gahaa jirtu bifamu adda addaan itti fuftee jirti. Akka kanaan university Madda Waalaabuutti walitti bu'insa barattoota Oromoo fi Habashoota gidduutti ta'e irraan kan ka'e barattoonni Oromoo hedduun kan hidhaman yoo ta'u; barataa Oromoo Guutaa Kabbaboo jedhamu dhalootaan ona Guduruu ta'e mana hidhaatti ajjeesanii waan achi keessatti of raarraasee of ajjeese fakkeessanii dhiyeessanii jiran.
Kanatti dabalees University Aarbaaminchitti barataa civil engineering waggaa 4ffaa(eebbifamaa) kan ta'e Darajjee Destaa jedhamu dhalootaan ona Jaartee ta'e: ammaan dura hidhamee kan bahe; ammoo karaa "grade" miidhame jennaan of rarraasee of ajjeese jechaa jiru. Ammoos university Baahirdaaritti Barataa "civics" waggaa lammataa kan ta'e Dajanee Sobbooqaa sababa dharaan barataa Amaaraa tokko mooraa keessatti reebe jedhchuun hidhanii hidhanii hidhaa keessatti dararaa jiraachuun MOA gabaasa.
Gama biroonis godina Harargee Lixaa Aanaa Hararii Mana Barumsaa Hammarreessaa fi Juneerii keessaatti Barattoota kutaa 10 kudhanii Miseensa ABO Jedhamanii qormaata irraa qooda akka hin fudhanne ari'uun itti fufee jira.
Kutaa Arsii Aanaa Shaashamannee keessatti mana Barumsaa Burraa keessatti kanneen baratan barattoota saddeettama(80) sababa Alaabaa OPDO bituu diddan, kanaaf isin Miseensota ABO ti jechuun barumsa irraa yammuu ari'an, Barattoonni kunis kaayyoo qabnu irraa yoomuu duubatti hin jilbeeffannu! Gabroomfataaf uggumnee hin bullu jedhchuun dhadachaa mama barumsaa irraa ari’aman irraa gadi lakkisuun isaanii MOA gabaasa.
Barattoota kannneen ari’aman keessaa hangi tokko maqaan isaanii akka gititti jiru kana.
1. Guddattuu Gammadaa
2. Imaan Muhaammad
3. Mi'eessoo Nagaash
4. Suutamaa Gammadaa
5. Faaxumaa Ishaa
6. Kormee Tulluu
7. Aabbuu Shufeerii
Yeroo ammaa kanatti sababa guyyaa goototaa ayyanefattu jedhuun mana barnootaa adda addaa keessatti barattooti Oromoo basaasota Wayyaaneen adamfamaa fi tikfamaa jiraachuun baramee jira.
MOA |